Qur’aanni Jecha Rabbii Oltaheeti..


   Muslimtoonni Qur’aannii Kabajamaan Jecha Rabbii Guddaa akka ta’e ni amanu. Kanumaan wajjiinuu, bakka guddaa Qur’aanaan malu akka hin gooneef isaanitti dhagaha; sochii jimaa gochuu wajjiin kana yaadu. Akkana akka yaadan kan isaan goosise; sababa Qur’aanni kabajamaan jiruu isaanii keessatti qooda guddaa (gahee guddaa) waan taphateef, Ammas Muslimtoonni Qur’aanni kabajamaan bakka cufaa fi yeroo hundaa akka dalagu itti amanu. Kanaafuu, mee Eenyutu Muslimtoonni akka haala kana yaadan isaan taasisee?

Qur’aanni dandeettii guddaa(Mu’jizaa) kan yoomiyyuu namuu dalaguu hin dandeenya kennama addaa kan Ergamaa Rabbii Muhaammadiif  kennamee dha jedhanii amanu, Muhaammad (nagahaa fi rahmanni isaan irratti haajiraatu) nama waabarreessuu fi dubbisus hin turre, kanaafuu, Mee akkamitti Qur’aana sadarkaa namuu dalaguu hin dandeenya kana eessaa fidee?

Namni Qur’aana dubbisu hedduu raajeffata! Haalli Qur’aanni mata-dureewwan adda addaa itti dubbatu yoo dubbisan waan dinqiiti! Seenaa akkaan bareedan cufa akki inni itti dubbatu qalbii nama hawata, ammas bareeda Samiitii fi wantoota samii keessati argaman haala bareeda ta’een ibsa. Itti dabaluudhaan waa’ee Dacheetii fi wantoota Dachee kana irra jiraatan cufa; kan Dachee irra deemanii fi kan qilee bahraa keessa jiraatan cufa, akkasumas warroota Dachee kanarra balali’an haala ajaa’ibaatiin ibsa.

Namni Qur’aana dubbisu hedduu raajii itti taha, kan akka qaama ilma namaa sadarkaa guddinna ilma namaatii fi jiruu isaa cufa haalaan  gadi fageenyaan ibsa. Waa’ee jiruu ilma namaa fi nabsee isaa haala adda ta’een nama hubachiisa,,,…kana qofaa miti kan kana fakkaatan hedduu dubbata…….

Qur’aanni kun karaa namuu ittiin uumuu hin dandeenyeen adda ta’ee beekama

Tarii ilma namaa ta’ee kamiiyyuu Araba keessatti beekkomsi isaa hanga barbaades yoogahe, ammas dandeettii addaas waa’ee seer-lugaa yooqabaateyyuu Qur’aana kana uumuu ni dandahaa?

Egaa Muhaammad (nagahaa fi Rahmanni isaan irrati haabu’u) nama gammoojjii keessa jiraatu, kan tiksee hoolaa fi re’ee gaarreen gammoojjii keessatti namaa tiksu, kan achuma makkaaan jiraatu, kan tasuma biyya imala fagoo deemee hin jirre. Walumaa galatti imalli inni yeroo lama godhe gara biyya shaam (Sooriyaa)ture. Imalli jelqabaa ijoollummaa isaaniitiin Abbeeraa isaanii kan tahe Abii Xaalibiin wajji ture. Tasuma yeroo ijoollummaa isaanii Abbeeraa isaaniitiin gargar bahee hin beeku.  Imalli lammaffaa kan Muhaammad (nagahaa fi Rahamanni isaan irrati haajiraatu) taasise nama maqaan isaa meeysaraa jedhamu wajjiin daldalaaf gara Sooriyaa deeaman. Yeroo kanatti  Muhammad (Nagahaa fi Rahmanni isaani irratti haajiraatu) dardara umrii digdamii wayiiti. Yeroo kanatti namoonni isaan wajjiin daldalaaf bahan cufti haalaa fi amala Muhaammad (Nagahaa fi Rahmanni isaan irratti haajiraatu) ni beeku. Kanaafuu, imala isaanii keessatti Muhaammad (NRISH) namoota beektota tokkoonillee wal-hinqunnamne, beektota Yahuudaatiinis tahee kan Kiristiyaanaatiinille tasuma walhinqunnamne. Gonkuma yaada tokkollee isaan irraa hin fudhanne. Namntichi Buheeyraa jedhamu  kan waa’ee amantii kiristiyaanaatiin hayyuu ta’e tokko kitaaba isaanii keessatti waa’ee Muhaammadii (nagahaa fi rahmanni rabbi isaan irratti haajiraatu) malkata isaanii kitaaba isaanii keessatti waan beekuuf, yeroo Muhaammadiin arge akki jedhee: “ Nama kana osoo ummanni yahuudaa isa argee mala hin taane isa irratti dalaguu danda’u, akka isaanittii (yahuudatti) hin mudhanne “ jedhee warroota isaan wajjiin daldalaaf  biyyaa baheen dhaamsa kana dabarseef. 

Dhugaa Rabbiin namni tokkolleen akka Muhaammadiin (nagahaa fi rahmanni rabbi isaan irratti haajiraatu) wanta tokko gonkumaa hin barsiisin Qir’aana kabajamaa kessatti haqa kana dubbatee akki gedhu:

 { وَلَقَدْ نَعْلَمُ أَنَّهُمْ يَقُولُونَ إِنَّمَا يُعَلِّمُهُ بَشَرٌ لِّسَانُ الَّذِي يُلْحِدُونَ إِلَيْهِ أَعْجَمِيٌّ وَهَـذَا لِسَانٌ عَرَبِيٌّ مُّبِينٌ }[ سورة النحل الآية :103

Hiikkaan isaa

Rabbiin akki jedhu : “ Nuti beeknee jirra yeroo isaan jedhan, ‘Muhaammadiin wanta kana namatu isa barsiise’ wayta jedhan; garuu, namni isaan shakkan suni nama afaan birooti; ammo Qur’aanni afaan Arabiffaa qulqulluu dha” jedhee Rabbiin kijiba isaanii ifa godha. Qur’aanni isaan morman gonkumaa dalagaa ilmi namaa dalaguu hin dandeenyee dha. Namtichi Muhaammadiin barsiisa jedhamee shakkame afaan birooti. Kanaafuu, dubbiin isaanii kan dhugaa irraa maqe.

Egaa Muhaammad (nagahaa fi Rahmanni Rabbii isaan irratti haabu’u) nama seenaa isaa keessatti tasuma waadubbisuu fi barreessuu hin dandeenye ta’ee Qur’aana sadarkaa dandeettii ilma namaatii olii eessaa fiduu danda’aa?  Osoo Qur’aana kana Muhammad(nagahaa fi rahmanni isaan irratti haajiraatu) ufirraa uumu  taatee, silaa waa’ee  jiruu hawaasa  biyya baadiyaa, jiruu gandaa, kan kana fakkaatan haasawaa ture. Jiruun isaa waan haala kana fakkaatuuf kana dubbataa ture silaa..Ammas sadarkaan isaa silaa wanti inni haasawuu ture  waa’ee hoolaa re’ee, waa’ee, gaalaa, waa’ee fardaa, waa’ee gosoota arabaa hawaasa yeroo sanatti rakkoo roobaa ynk bishaanii irraa haasawaa ture. Maaliidhaaf yoo jenne, yeroo sanatti jiruun isaanii kana fakkaataa ture.

Namni Qur’aana dubbisu faallaa yaada kanaa ta’uu hubata…! Ammas namni Qur’aana dubbisu sadarkaan Qur’aana kanaa dalagaa namtolcheetii oltahuu isaa hubata, seer-lugni isaa sadarkaa guddaa kan tahe, kan akkaan ifaa tahe ta’uu hubata.

Walumaagalatti Qur’aanni waa’ee jiruu tanaa gama hundaan gadifageenyaan qo’ata, waa’ee jiruu hawaasaa, waa,ee maatii, haala gamtaa fi haala adda addummaa kan gadi fageenyaan qoratuu dha. Qur’aanni kun waa’ee seera siyaasaatii fi akkasumas waa’ee guddinnaa haala baldhinna taheen qorata. Saayinsii uumamaa, waa’ee fayyaa, saayisii waa’ee hawaa, seenaa adda addaa, fi waa’ee joogiraafii fi kan kana fakkaataniin guutatamee jira.

Waa’ee beekkomsa dubbannee kana hunda haala ifa taheen ibsa, kan yoomillee nama hin hifachiifnee dha. Yeroo kamiiyyuu yoodubbisan akkuma haarayaati.

Seerri Qur’aanaa yoomillee kan yeroodhaa fi bakkaan wajji kan deemuu dha.  Haala jijjiiramaa fi guddinna yeroo wajjiin kan deemuu dha. Qur’aanni keeyyatoonni isaa yoomillee walhinfaallessani,  yaanni isaanii kan walgitanii dha!

Qur’aanni haalli isa adda godhu yoomillee wal-hinfaallessu, haalli kun yeroo jelqaba Muhaammadiin (nagahaa fi rahmanni isaan irratti haabu’u) irratti bu’u waggoota 23 (digdamii sadii) keessatti sadarkaa sadarkaan tasuma osoo wal hin faallessin kan turee dha. Haalli kun kan nuhubachiisu; yoomillee dalagaa ilma namaa tahuu dhabuu isaa garsiisa! Waggoota 23 keessatti sadarkaa sadarkaan bu’uun isaa haalaa fi barbaadina ilma namaa kan guutee dha. Osoo Qur’aanni kuni dalagaa ilma namaa taatee kitaaba tokkicha yeroo tokko keessatti kan itti keennamee yaanni isaa haqa jirtuun faallaa ta’aa ture. Kanaafuu, Rabbiin ilma namaatii garaalaafuu dhaa jecha haajaa isaanii irratti hundaa’ee wagoota 23 keessatti kan  raawwatee dha.

Qur’aanni dandeettii ilma namaatii olta’uu dhaan gosa Arabaa Qureeyshii fi Araba cufa, akkasumas addunyaa hunda  qormaata guddaa isaan gochuu dhaan isaan yeroo dheeraadhaaf kan Qur’aana fakkaatu akka uuman gaafatanii gonkumaa uumuu hin dandeenye.  Tarii suuraa (boqonnaa) Qur’aanaa tokko tasuma uumuu hin dandeenye.

Jaarraa 14fiif ilmi namaa gonkuma Aayata( keeyyata) tokko uumuu hin dandeenye. Hanga har’aatti ilmi namaa cufti chaalenjii (qormaata) godhamaa jira, hanga guyyaa quyaamaatti namuu gonkuma uumuu hin danda’an.

Rabbiin guddaan Qur’aana isaa keessatti akkana jedha:  “

 {قُل لَّئِنِ اجْتَمَعَتِ الإِنسُ وَالْجِنُّ عَلَى أَن يَأْتُواْ بِمِثْلِ هَـذَا الْقُرْآنِ لاَ يَأْتُونَ بِمِثْلِهِ وَلَوْ كَانَ بَعْضُهُمْ لِبَعْضٍ ظَهِيراً }الإسراء88.

 Hiikkaan isaa akkana: “ Osoo ilmaan namaatii fi Jinnoonnillee Qur’aana kana kan fakkaatu fiduudhaaf walitti qabamanii, gonkumaa kan Qur’aana kana fakkaatu fiduu hin danda’an, osoo walillee gargaaranii !. Suuraa Al_Israa’a 88

Qur’aana jaalachuu fi itti amanuun  akkasumas miirri namaa ittiin dammaquun waan uumamaan jiruu dha. Kana kan tahe yeroo Ergamaan Rabbii Muhaammad (nagahaa fi rahmanni Rabbii isaan irratti haajiraatu) jiran qofa osoo hin taane hanga har’aan tanaatti ummanni islaamaa itti amananii haala bareedaan simatanii jiru, kana kan godhan Muslima qofa osoo hin taane namoota birootiinis waan raawwatee dha. Haala kana kan isaan simannaa gaarii akka godhaniif isaan taasise haqa Qur’aanni qabutu kana isaan godhe. Irra hedduun namoota kanaa hortee arabaa osoo hin taane mislimoottan birooti.

Tarii, jaalalli garmalee dhalli namaa Qur’aanaaf qabu seenaa ilma namaa keessatti  gonkumaa kitaabni tokkos baldhinnaan akkanatti kan jaalatame seenaa ilma namaa keessatti raawwatamee jiraa?

Qur’aanni kun kan Muhaammad (nagahaa fi rahmanni Rabbii isaan irratti haajiraatu) ufii isaatii uume osoo hin taane:  Rabbii Guddaa irraa  kan dhufe ta’uu isaa  ragaawwan ifaan ifatti haalaan ibsan akka armaan gadii muraasa keessaa haa’ilaalluu:

1: Osoo Qur’aanni kun Muhaammadiin ( NRIH) irraa dhufe taatee akkamitti Aayatoonni (Keeyyatooni) Qur’aanaa waa’ee isa sodaachisuu, waa’ee isa adabuu, yeroo Muhaammad (nagahaa fi rahmanni isaan irratti haabu’u) wanta dhugaa hin taane dubbate akka adabamu keeyyatoonni hedduun akeekkachiisa (adaba) cimaa akka itti kennamu isa seeru.  Ragaan waan amma dubbannee kana fakkaata: “ \

{ ولو تقول علينا بعض الأقاويل لأخذنا منه باليمين ثم لقطعنا منه الوتين فما منكم من أحد عنه حاجزين } سورة الحاقة ، من الآية 44-47

Hiikkaan isaa akkana, Rabbiin akki jedhu: “Osoo Muhaammad (nagahaa fi Rahmanni isaan irratti haajiraatu) kijiba muraasa nurratti dubbatee, silaa humna cimaadhaan isa qabne, ykn harka mirgaa keenyaan isa qabne.., silaa hidda amaa jedhamu irraa kunne, .Tokkoon namaayyuu irraa nudhoogguu hin danda’u.”

  • قال تعالى : {وَكَذَلِكَ أَنْزَلْنَاهُ حُكْمًا عَرَبِيًّا وَلَئِنِ اتَّبَعْتَ أَهْوَاءَهُمْ بَعْدَ مَا جَاءَكَ مِنَ الْعِلْمِ مَا لَكَ مِنَ اللَّهِ مِنْ وَلِيٍّ وَلَا وَاقٍ } [الرعد: 37]

    Hiikkaan isaa, Rabbiin oltahe akkana jedha: “Qur’aana kana Murtii ifa galaa afaan arabiffaa kan ta’een buufne; yaa Muhammad(nagahaafi rahmanni isaan irratti haajiraatu) yoo Qur’aana beekkomsa kana dhiiftee fedhii isaanii hordofte, Rabbiin biraa nama siiftumsuu fi sitiksu gonkumaa hin argattu.” Suuraa Ra’d 37

Mee dhugaa haadubbannuu, osoo Qur’aanni kun Muhaammadiin (nagahaa fi rahmanni isaan irratti haabu’u) irraa dhufe ta’ee jechoota akkanatti isa seeru ykn haala cimaadhaan isa sodaachisu silaa nidhiisaa laata?

Ammas mee haahubannuu, adabbii garmalee ciccimaa kana:

Rabbiin oltahe akkana jedha:

قال الله في القرآن :{وَإِن كَادُواْ لَيَفْتِنُونَكَ عَنِ الَّذِي أَوْحَيْنَا إِلَيْكَ لِتفْتَرِيَ عَلَيْنَا غَيْرَهُ وَإِذاً لاَّتَّخَذُوكَ خَلِيلاً . وَلَوْلاَ أَن ثَبَّتْنَاكَ لَقَدْ كِدتَّ تَرْكَنُ إِلَيْهِمْ شَيْئاً قَلِيلاً .إِذاً لَّأَذَقْنَاكَ ضِعْفَ الْحَيَاةِ وَضِعْفَ الْمَمَاتِ ثُمَّ لاَ تَجِدُ لَكَ عَلَيْنَا نَصِيراً }الإسراء من الآية 73- 75

Hiikkaan kanaa: “Sitti malanii jiru akka Qur’aana kana malee kijiba biroo uumtee wanta Rabbiin hin buusne dubbattu; yoo kana isaanii guutte jaalallee cimaa sigodhatu. Osoo cimina siif kennuu baannee, silaa suutuma suutaan fedhii isaaniitti dabdaa ture. Osoo fedhii isaanii raawwattee, silaa jiruu fi du’attis dachaa dachaa si’adabnaa ture.”  Al-Israa’a 73-75

Mee osoo Qur’aanni kun isarraa tahee wantoota akkanaa kana Qur’aana keessatti ni dhiisaa?!

Ammas yoo kan Muhaammad ergama kana akkamalutti hin geessine taate akeekkachiisni cimaan itti kennamee jira :

قال الله في القرآن : {يَا أَيُّهَا الرَّسُولُ بَلِّغْ مَا أُنزِلَ إِلَيْكَ مِن رَّبِّكَ وَإِن لَّمْ تَفْعَلْ فَمَا بَلَّغْتَ رِسَالَتَهُ وَاللّهُ يَعْصِمُكَ مِنَ النَّاسِ إِنَّ اللّهَ لاَ يَهْدِي الْقَوْمَ الْكَافِرِينَ }المائدة67

Hiikkaan isaa, Rabbiin oltahe akkana jedha: “Yaa Ergamaa hoo! Qur’aana Rabbii kee irraa sitti buufame kana ilma namaatti geessi. Yoo kana kan hin raawwanne taate, ergaa isaa raawwattee hin jirtu. Rabbiin hammeenya ilmaan namaa irraa sitiksa. Rabbiin tuuta jallatte hin qajeelchu.” Maa’idah 67

Hubadhaa! Osoo Qur’aanni kun Muhaammad irraa dhufee, tarii keeyyatoota isa akeekkachiisan kana ni dhiisaa turee?!

قال الله في القرآن : { عبس وتولى . أن جاءه الأعمى . وما يدريك لعله يزكى .أو يذكر فتنفعه الذكرى .}سورة عبس ، من الآية 1-4.

 Hiikkaan isaa akka armaan gadii kana:

Rabbiin oltahe akkana jedha :” Fuula hammeesse, fuula guuree cinaa gale, jelaa didee duuyda gale.(2)  Ballichi itti dhufnaan jelaa dide.(3) Odoo qajeelee beeytaa, odoo qulqullaayee beeytaa namni ati irraa duuyda galtu kun?. (4) Yookaan yaadannoo argatee yaadannoon tun isa fayyaddee bu’aa isaa argamsiiftuu beeytaa?”

 

Qur’aana keessatti wanta Rasuulli Rabbii dhoffatee namuu itti hin beeyne , waa’ee seenaa akkaataa sababa isaan Zeeynab bint Jahshiin itti fuudhan Qur’aanni icciitii isaanii ifa baase…

قال الله في القرآن : {وَإِذْ تَقُولُ لِلَّذِي أَنْعَمَ اللَّهُ عَلَيْهِ وَأَنْعَمْتَ عَلَيْهِ أَمْسِكْ عَلَيْكَ زَوْجَكَ وَاتَّقِ اللَّهَ وَتُخْفِي فِي نَفْسِكَ مَا اللَّهُ مُبْدِيهِ وَتَخْشَى النَّاسَ وَاللَّهُ أَحَقُّ أَن تَخْشَاهُ فَلَمَّا قَضَى زَيْدٌ مِّنْهَا وَطَراً زَوَّجْنَاكَهَا لِكَيْ لَا يَكُونَ عَلَى الْمُؤْمِنِينَ حَرَجٌ فِي أَزْوَاجِ أَدْعِيَائِهِمْ إِذَا قَضَوْا مِنْهُنَّ وَطَراً وَكَانَ أَمْرُ اللَّهِ مَفْعُولاً }الأحزاب37

Hiikkaan isaa akka armaan gadii kana taha:

Rabbiin guddaan akkana jedha : “ Yaadadhu, yeroo ati jettu ;  nama Nuti toltuu oolleef, kan atis toltuu oolteef: “Haadha mana keetiitiin gargar hin bahin qabadhu, Rabbii kee sodhaadhu” jettuun . Garuu, icciitii iti dhoksite Rabbiin ifa baasa. Ati nama qaanfattee jaalala isii qabdu dhoksite. Rabbiin qaanfatutu (sodaachutu) kan namiituu irra caala. Zeeydi haadha mana isaa fedhii isaatiin gargarbahee (xalaaqee) raawwannaaan isii sifuusisiifne, Kana kan gooneef, warroonni Mu’mintootaa kan biroollee booda kanaa dilii akka hin qabaanne; waa’ee haadha mana ilmaan guddifachaa isaanii yeroo ilmaan guddifachaa fedhii isaaniitiin haadha mana isaanii gadi dhiisan, booda sanaa dubartoota sana fuudhuun dilii hin qabu.”  Al-Ahzaab 37

Walumaa galatti  Qur’aanni waa’ee Ergamaa Rabbii dirqama isaanii akka bahan kan murteessuu fi, akkasumas barbaachisummaa ergama haqaa kana geessuun, ammas, Ergamaan Rabbii ilma namaa tahuu isaa mirkaneessuun, kan gonkumaa dandeettii ilma namaa dararuu fi fayyaduus ufii isaatii hin qabne tahuu, kan tasumaa, ergama isaa kana keessatti mindaa tokko hin barbaanne, kan ammas ol’aantummaa tokkos gonkumaa hin barbaanne tahuu isaa murteessuun Qur’aanaa raga guddaa ta’uu isaa muldhisa.  Ragaaleen kunniin Qur’aanni Muhaammadiin(NRIH) irraa akka hin taane mirkaneessa . Rabbiin guddaatu Qur’aana kana Muhaammadiin (NRIH) irratti buuse.

Mee nawajjiin yeroo tokko haahubannuu!

Haasofni Qur’aanaa kan akeeku waa’ee dirqama ga’ee Ergamaan Rabbii ilma namaa irratti qabu  fi dhala nama tahuu isaa mirkaneessa.

 {قُل لاَّ أَقُولُ لَكُمْ عِندِي خَزَآئِنُ اللّهِ وَلا أَعْلَمُ الْغَيْبَ وَلا أَقُولُ لَكُمْ إِنِّي مَلَكٌ إِنْ أَتَّبِعُ إِلاَّ مَا يُوحَى إِلَيَّ قُلْ هَلْ يَسْتَوِي الأَعْمَى وَالْبَصِيرُ أَفَلاَ تَتَفَكَّرُونَ }الأنعام50.
 {
قُل لاَّ أَمْلِكُ لِنَفْسِي نَفْعاً وَلاَ ضَرّاً إِلاَّ مَا شَاء اللّهُ وَلَوْ كُنتُ أَعْلَمُ الْغَيْبَ لاَسْتَكْثَرْتُ مِنَ الْخَيْرِ وَمَا مَسَّنِيَ السُّوءُ إِنْ أَنَاْ إِلاَّ نَذِيرٌ وَبَشِيرٌ لِّقَوْمٍ يُؤْمِنُونَ }الأعراف188.
 {
قُلْ يَا أَيُّهَا النَّاسُ إِنِّي رَسُولُ اللّهِ إِلَيْكُمْ جَمِيعاً الَّذِي لَهُ مُلْكُ السَّمَاوَاتِ وَالأَرْضِ لا إِلَـهَ إِلاَّ هُوَ يُحْيِـي وَيُمِيتُ فَآمِنُواْ بِاللّهِ وَرَسُولِهِ النَّبِيِّ الأُمِّيِّ الَّذِي يُؤْمِنُ بِاللّهِ وَكَلِمَاتِهِ وَاتَّبِعُوهُ لَعَلَّكُمْ تَهْتَدُونَ }الأعراف158.
 {
قُلْ يَا أَيُّهَا النَّاسُ إِن كُنتُمْ فِي شَكٍّ مِّن دِينِي فَلاَ أَعْبُدُ الَّذِينَ تَعْبُدُونَ مِن دُونِ اللّهِ وَلَـكِنْ أَعْبُدُ اللّهَ الَّذِي يَتَوَفَّاكُمْ وَأُمِرْتُ أَنْ أَكُونَ مِنَ الْمُؤْمِنِينَ }يونس104

Hiikkaan keeyyatoota armaan olii akka armaan gadii kana taha:

Qur’aanni Mahaammadiin (nagahaa fi rahmanni isaan irratti haabu’u) kan ajaje wanta isarratti bu’e qofa akka hordofu murteessa.

  • Rabbiin oltahe akkana jedha: “Yaa Muhaammad! Ilmaan namaatiin akki jettu; Hireen (Kaazinaan) Rabbii harka kiyya hin jirtu, beekkomsa fagoodhaallee hin beeku, ani Malaa’ikaadhaallee miti; wanta Rabbii koo irraa natty buufame qofa hordofa jedhiin, Ammas akki jettuun: Tarii, namni ijaan hin garre kan ijaan arguun walqixaa?! Sila xiinxallaa sammuu hin qabdanii?”  Al-An’aam :50

     

  • Rabbiin oltahe akkana jedha: “Yaa Muhammad! Akkana jedhiin: ani ufiikiyyaafuu waan nafayyaduu fi waan nadararu fedhii Rabbiitiin malee qabaachuu hin danda’u, osoo waan fagoo beeku taatee silaa waan nafayyadu qofa walitti qabadhe, silaa hammeenyi tokkos nantuqxu. Ani garuu; nama Rabbitti amanae  hammeenya irraa nama seeruu fi nama toltutti nama ajaju qofaa dha jedhiin.”  Al-A’raaf :188

     

  • Rabbiin oltahe akkana jedha: “Yaa Muhammad! Akki jettuun : yaa ilmaan namaa! ani Ergamaa Rabbiiti kan isin cufatti ergamee jira. Inni na’erge Gooftaa Samiiwwanii fi Dachee dhuunfatuudha,  Isaan ala gabbaramaan haqaa hin jiru, kan jiraachisuu fi ajjeesus isuma qofa, kanaafuu, Rabbii fi Ergamaa isaatti amanaa , Ergamaan isaa kan dubbisuu fi barreessus hin dandeenye, isa Rabbii fi jechoota isaatitti amanuu dha. Akka Rabbiin isin qajeelchu  Ergamaa isaa hordofaa jedhiin.”  Al-A’raaf :158

    Rabbiin oltahe akkana jedha: “Yaa Muhammad! Ilmaan namaatiin akki jettu: Yaa ilmaan namaa yeroo amantii kiyya irraa shakkii (mamaa) qabaattan; kanaafuu, ani wantoota isin Rabbii gaditti gabbartan hin gabbaru, garuu; kan gabbaru Rabbii guddaa isin ajjeesuu dha. Ani kan dirqama natti taasifame namoota Rabbitti amanan irraa tahuu dha.” Yuunus :104

  • - {وَاتَّبِعْ مَا يُوحَى إِلَيْكَ وَاصْبِرْ حَتَّىَ يَحْكُمَ اللّهُ وَهُوَ خَيْرُ الْحَاكِمِينَ }يونس109.
    - {
    ثُمَّ جَعَلْنَاكَ عَلَى شَرِيعَةٍ مِّنَ الْأَمْرِ فَاتَّبِعْهَا وَلَا تَتَّبِعْ أَهْوَاء الَّذِينَ لَا يَعْلَمُونَ }الجاثية18.

    Hiikkaan keeyyatoota armaan olii akka armaan gadii kana fakkaata:

  • Rabbiin oltahe akkana jedha : “Yaa Muhaammad! Waan Nuti sirratti buufne hordofi, warroota sikijibsiise hanga Rabbiin murtii isaan irratti murteessutti obsi.”  Yuunus :109

    Ammas Rabbiin oltahe akkana jedha:” Yaa Muhammad! Seera Murtii Sharii’aa karaa guutuu siif goonee jirra, kanaafuu, seera sharii’aa kanaan buli. Fedhii warra waa hin beeknee hin hordofin.”  Al-Jaasiyah :18

  • 3-    Qur’aanni Muhaammadiin (nagahaa fi rahmanni Rabbii isarratti haabu’u) akka haqa  Diinii Rabbii kan Qur’aanni itti yaame irra gadi dhaabbatu murteessee jira.

  • فَاسْتَقِمْ كَمَا أُمِرْتَ وَمَن تَابَ مَعَكَ وَلاَ تَطْغَوْاْ إِنَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ }هود112.
    - {
    فَلِذَلِكَ فَادْعُ وَاسْتَقِمْ كَمَا أُمِرْتَ وَلَا تَتَّبِعْ أَهْوَاءهُمْ وَقُلْ آمَنتُ بِمَا أَنزَلَ اللَّهُ مِن كِتَابٍ وَأُمِرْتُ لِأَعْدِلَ بَيْنَكُمُ اللَّهُ رَبُّنَا وَرَبُّكُمْ لَنَا أَعْمَالُنَا وَلَكُمْ أَعْمَالُكُمْ لَا حُجَّةَ بَيْنَنَا وَبَيْنَكُمُ اللَّهُ يَجْمَعُ بَيْنَنَا وَإِلَيْهِ الْمَصِيرُ }الشورى15.قُلْ أَغَيْرَ اللّهِ أَتَّخِذُ وَلِيّاً فَاطِرِ السَّمَاوَاتِ وَالأَرْضِ وَهُوَ يُطْعِمُ وَلاَ يُطْعَمُ قُلْ إِنِّيَ أُمِرْتُ أَنْ أَكُونَ أَوَّلَ مَنْ أَسْلَمَ وَلاَ تَكُونَنَّ مِنَ الْمُشْرِكَينَ *قُلْ إِنِّيَ أَخَافُ إِنْ عَصَيْتُ
    رَبِّي عَذَابَ يَوْمٍ عَظِيمٍ }الأنعام14-15

    Hiikkaan isaa akkana:

    Rabbiin oltahe akkana jedha: “Yaa Muhammad! Warroota Rabbitti yagutoomsaniin akki jettu: Tarii, Rabbii gaditti nama biroo kan itti gargaarsifadhu godhaa?! Rabbiin bar Isa samiiwwanii fi Dachee uumeedhaa, kan nama nyaachisu (kan hiree hundaafuu hiru) kan eenyullee isa hin nyaachisnee dha. Ammas akki jettuun : ani Rabbiin koo eenyuunuu dura akka isaa bulu (masakamu) ajajamee jira, ammas warroota Rabbitti yagutoomsan irra akka hin taane seeramee jira. Yoo murtii Rabbii kootii dide guyyaa Qiyaamaa adabbii guddaan natuquu soda dha jedhiini.”  Al-An’aam : 14-15

    5- Qur’aanni Nabi Mahaammadiin (nagahaa fi rahamanni Rabbii isaan irratti haajiraatu) akka hordoftoota isaa warra Rabbitti amanan wajjiin akka deemu ykn isaan wajjiin obsa godhatu ajajee jira……

    - {وَاصْبِرْ نَفْسَكَ مَعَ الَّذِينَ يَدْعُونَ رَبَّهُم بِالْغَدَاةِ وَالْعَشِيِّ يُرِيدُونَ وَجْهَهُ وَلَا تَعْدُ عَيْنَاكَ عَنْهُمْ تُرِيدُ زِينَةَ الْحَيَاةِ الدُّنْيَا وَلَا تُطِعْ مَنْ أَغْفَلْنَا قَلْبَهُ عَن ذِكْرِنَا وَاتَّبَعَ هَوَاهُ وَكَانَ أَمْرُهُ فُرُطاً }الكهف28

    Hiikkaan isaa akkana:

    Rabbiin guddaan akkana jedha: “ Yaa Ergamaa koo! Warroota rabbi isaaniititti amananii ganamaa galgala Rabbii isaanii kadhatan wajjiin obsi, isaan fuula Rabbii barbaadu. Jiruu Addunyaa dhaa jecha gonkuma isaan bira hin dabrin (Sababa hiyyummaa isaaniitii jecha isaan hin gatin). Nama qalbiin isaa  Nuyaadachuu irraa cufamte jela hin deemin( isa ee jettee jela hin deemin), inni kan fedhii isaa qofaa hordofu, kan haalli (dhimmi) isaa bade.”

    Hubachiisa! Jechoonni (keeyyatoonni) garmalee Muhaammadiin (nagahaa fi Rahmanni Rabbii isa irratti haajiraatu) akeekkachiisan ykn hedduu adabbii cimaan isa akeekkachiisan cuftuu Qur’aanni kun ragaa guddaa Rabbiin irraa tahe kan agarsiisanii dha.

    Qur’aanni jecha Rabbii Guddaa tahuu wantoota ragaa bahan keessaa; Ragaalee ciccimoo sammuu ilma namaatiin irra gahaman, kan meeshaa ammayyaatiin dhugaan isaanii murtaahe mee haalaalluu…..

    Kitaabban kamiiyyuu kan addunyaa kana keesssattti argaman kan dogongora irraa walaba tahe gonkumaa hin jiru. Ammoo, Qur’aanni tasuma  kitaabban kanneeniin wal hin fakkaatu. Dhugaan Qur’aanaa karaalee adda addaatiin kan murtaahee dha. Waa’ee ummattoota dabranii kan kitaabni tokkolleen hin dubbatin, Qur’aanni ifaan ifatti seenaan isaanii baldhinaan kan himameedha. Kan yoomillee seenaan tokko bakkaa fi yeroo dhaan wal hin dhabneedha. Seenaan kunniin kan Jaarraalee kumaatamaan kan laakkawamanii dha.

    Sadarkaan Seer-Lugaa afaan Arabiffaa kan Qur’aanni waa’ee Saayinsii Ammayyaa ilaalchisee ittiin dubbate hedduu waan nama dinquu dha.

    Qur’aanni waa’ee Saayinsii Ammayyaa kan bara dhihoo kana beekkomsi namaa meeshaa ammayyaatiin gargaaramuu dhan haqa Qur’aanni Jaarraalee kudha afuriin dura dubbate har’aan tana beekkomsaan irra gahamee jira. Kun waan raajiidha! Dandeettiin Saayinsiin Ammayyaa irra gahe kun kan ifa tahe baruma dhihoo kana, Qur’aanni immoo wantoota kana kan sammuun ilmaan namaa tasumaa yaaddee hin turre haasawee jira. Tarii, Muhaammadiin (nagahaa fi rahmanni Rabbii isaan irratti haajiraatu) eenyutu icciitii kana cufa isaan barsiise laataa? Osoo Qur’aaanni beekkomsa ilma namaa tahe taatee yeroo ilmi namaa dandeettii saayinsii ammayyaa hin qabaannetti haala nama dinqisiisuun ifaan ifatti saaxilee jira.  Kanaafuu, haqa kana osoo hin dabsine , Qur’aana kana kan buuse Isa waan hunda kalaqe ta’uu  kan mirkaneessuu dha.

    Fakkeenyota armaan olii keessaa mee Muraasa haalaalluu:

    أ‌- قال الله في القرآن :{اللّهُ الَّذِي رَفَعَ السَّمَاوَاتِ بِغَيْرِ عَمَدٍ تَرَوْنَهَا .. }الرعد2

    Hiikkaan isaa:

    A: Rabbiin oltahe akkana jedha: “ Allaahaan Bar, Isa Samiiwwan  utubaa tookko  malee kan ija keessaniin agartan  dhaabee dha.”     Ar-R’ad :2

     Keeyyanni tuni sadarkaa beekkomsa ummatoota dabraniitiin kan walgittuu dha. Ummanni duraanii yeroo ija isaaniitiin Hawaa (Samii) ol ilaalan wanti isaan argan; wantoota akka Aduu, Ji’a fi Urjiiwwan adda addaa kan Hawaa utubaa tokkoon malee dhaabatte ta’uu isaa argu. Dhalli ilma namaa kan ammayyaa wanti isaan irra gahan; Hawaa  (Samii) garmalee kan dhumti isii hin beekkamne yeroo ilaalani hiikkaa keeyyata waa’ee Samiin utubaa tokkoon malee dhaabbachuu dandeesse ta’uu isii, Kan utubicha kana ijaan arguu hin dandeenye ta’uu isaa mirkaneesa. Humni cimaan afaan Arabiffaatiin Jaazibiyyaa  jedhamuun kan ijaan arguu hin dandeenyeen Hawaan (Samiin) dhaabbttee dha ta’uu isaa mirkaneessu.

    ب- جاء في القرآن عن الشمس والنجوم: {.. وَكُلٌّ فِي فَلَكٍ يَسْبَحُونَ }يس40

    B; Qur’aana Keessatti waa’ee Aduu fi Urjiiwwanii akkana kan jedhutu jira:

    Rabbiin Oltahe akkana jedha: “ Cufti (hundi) isaaniituu Orbiitii isaanii irra deddeebi’u.”  Yaasiin : 40

    Yeroo Durii ilmi namaa gara Hawaa (Samii) ol ilaalu Urjiiwwan adda addaa kan bakka tokko irraa gara bakka biroo waan deemtu kan fakkaattu ta’uu isii argan. Kanaafuu, Keeyyanni armaan olii hedduu isaan akka dhala ilma namaa kan ammayyaatitti hin dinqisiifne. Jechi akkaan hubannaa miira namaa garmalee dinqisiisu jecha ‘Orbiitii Isaanii irra deddeebi’u’ kan jedhuu dha.  Kan nama dinqisiisu Qorannaan Ammayyaa haqa kana kan irra gahe yeroma dhihoo kana. Kanaan ol jechi gadi fageenyaan nama dinqisiisi waan jiru hin fakkaatu. Orbiitii isaanii irra deddeebi’uudhaan uumaa garmalee nama dinqu ta’uu isaa irra gahamee jira.

    ج- وجاء في القرآن الكريم عن الليل والنهار:{..يُغْشِي اللَّيْلَ النَّهَارَ يَطْلُبُهُ حَثِيثاً ..}الأعراف54

    Hiikkaan isaa akka armaan gadii kana fakkaata:

    Qur’aana kabajamaa keessatti waa’ee Halkanii fi Guyyaa ilaalchisee Rabbiin akkana Jedha: “Rabbiin dukkana halkanii ifa guyyaatiin adeemsisa, ifa guyyaatis dukkana halkaniitiin adeemsisa, Lacheenuu saffisaan walbarbaadu.” Al-A’raaf : 54

    Keeyyanni tuni dhala namaa kan duriitiif wanti ibsitu, icciitii halkanii fi guyyaan akkaan yeroo isaanii murtaaheen eeggatanii waljijjiiruu dandeettii muldhisuudah. Garuu; ilma namaa kan ammayyaatiif wanti keeyyanni tun ammatte (hammatte) naannawa dacheen orbiitii isii irratti raawwattuu dha ta’uu garsiisa. Naannawa dacheen Orbiitii isii irratti gootutu halkanii fi guyyaa uuma jechuu dha.  Wantoota yeroo ammayyaatti dhalli namaa arge keessaa namni yeroo jelqabaafi Hawaa keessa balali’e dhalataa nama biyya Ruusiyaa Yuurii Gaagaarii jedhamu ragaaleen yeroo sanatti inni arge keessaa dukkanaa fi ifni saffisaan akka waljijjiiru ta’uu isaa mirkaneessee jira. Kana kan taasise naannawiinsa Dacheen orbiitii isii irratti gootuu dha.

    Yaada kana irratti ragaalee adda addaa hedduutu Qur’aana keesa jira.

    - ومن إعجاز القرآن ما جاء في قوله تعالى : {بَلَى قَادِرِينَ عَلَى أَن نُّسَوِّيَ بَنَانَهُ }القيامة4

    Hiikkaan isaa akka armaan gadii kana fakkaata:

    Rabbiin oltahe akkana jedha: “Dhugaa caafii qubbiiniituu uumuu dandeenyee jirra.”    Al-Qiyaamah :4

      Gaafiin ufgaafannu: Maaliif Rabbiin caafii qubbiinii asitti maqaa dhahee? Icciitiin qubbiinii wanta raajii dha! Uumama dhala namaa keessatti namni tokkollee kan birootiin adda kan bahu Qubaan.! Saayinsiin Ammayyaa kan irra gahe jecha ‘Finger Print’ ykn ashaaraa qubaa kan jedhamu dalaguudhaan waan Qur’aanni Jaarraa 14 dura dubbate har’aan tana meeshaa Ammayyaatiin mirkaneessee jira. Jaarraalee hedduun dura wanti kuni kan beekkamuu miti, inumaayyuu; bara Ergamaa Rabbiitittuu kan beekamuu miti. Waan nama dinquu dha!

    Kanaafuu, Muhammad (nagahaa fi rahmanni Rabbii isaan irratti haajiraatu) Qur’aana kana kan fide Rabbiin irraa tahuu isaati kan mirkaneesu

    Mata duree irratti akka ibsinetti Muslimtoonni Icciitii ykn sadarkaa Qur’aanaa keessa hangi hubatani waan salphaadha. Akka  Qur’aanni jecha Rabbii ta’e amananii jiran.

    Kanaan booda mee Ragaalee ifa tahan tokko tokko haahubannuu:

    1: Qur’aanni kabajamaan  waa’ee fuuldura ta’uuf deemu (Beekkomsa ilmi namaa beekuu hin dandeenye) beekkomsa fagoo, mee ragaalee lama gurguddoo haadubbannuu:

    A:        Qur’aanni waa’ee abbeeraa Nabi Muhaammadii kan Abuu Lahab jedhamu kan dubbate ‘ namtichi kun gonkumaa akka hin amanne, ammas karaa jallinnaa irratti akka du’u gabaasee jira. Boqonnaan Qur’aanaa kan waa’ee Abuu Lahabii dubbatti kan buute osoo namtichi kuni nabseedhaan jiru kan buutee dha. Ammas Abuu Lahab gurra isaatiin kan dhagahee mirkaneeffatee dha, Kanumaan wajjiinuu tasuma namtichi kun ni amana jedhee mormee hin jiru, osomaa dharaanillee Qur’aana kijibsiisuudhaaf amane jedhu taateellee.!!

    B:   Waa’een biro kan Inni waan fagoo dubbate; waa’ee Empaayera Roomaa kan Empaayera Pershiyaanotaan injifataman tahuu isaanii. Boodallee Empaayerri Roomaa Empaayera Pershiyaa akka injifatani Qur’aanni dubbatee jira. Yeroo keeyyanni waan kana dubbattu buute sanatti Hordoftoonni Nabi Muhaammad ummatoota hin amanin akka akka Qur’aanatti amanan ragaalee kanneen fakkaataniin gorsaa turan.  Booda kanaa akkuma Rabbiin guddaan Qur’aana isaa keessatti dubbatetti mootummoonni Roomaa mootummoota Pershiyaa injifatuun isaanii mirkanaayeera. Kuni Qur’aanni jecha rabbi guddaa tahuu isaa ragaalee ciccimoo keessaa isa tokkoo dha.!!

    2:    Qur’aanni waa’ee ummatoota daabranii hedduu dubbata, keessattuu  bara Nabi Muhaammad ergaman keessatti garmalee ummanni  Madiinaa ragaa adda addaatiin Qur’aana akka mirkaneeffachuu barbaadan waan tureef, yeroo kanatti Ummanni Yahuudaa naannoo Madiinaa kan jiraataa turan haqa isaan dhoksan Qur’aanni ifa isaan baasuudhaan saaxileessaa tureera. Keessattuu haqa waa’ee Nabiyyii Rabbii kan tahe Iisaa dhoksuu isaaniitiin. Fannifame jedhanii yeroo dheeraadhaaf gabaasa kijibaa babaldhisaa turuu, akkasumas inni Gooftaa Keenya jechuudhaan wanta inni haqa hingodhanne kan itti dubbatan hedduu dha. Gariin isaanii Iisaan nama Sihrii dalaguu dha jedhu. Waa’ee Nabiyyii kan ta’e Suleeymaan kan jedhamuunis Saahira (nama sihrii dalagu ) jedhaanii turan. Kijiba isaan uuman kana hunda Qur’aanni garmalee isaan saaxilee jira!

    Qur’aanni waa’ee Anbiyoota Rabbii heddumminnaan dubbata, yeroo Nabi Muhaammad jiran keessatti ummatootni Yahuudaa kan Qur’aana gurra isaaniitiin dhagahaa turan, keessattuu Seenaa Nabiyyii Rabbii kan tahe Muusaa akkaan ibsa. Ummanni Yahuudaadhaa dhugaa jirtu waa’ee Nabiyyii isaanii Muusaa Qur’aanni ibsu kana raajii isaanitti tahuudhaan tasuma Qur’aanni nikijiba hin jenne. Seenaa haqaa kanniin namni tokkolleen isaan keessaa kan morme hin jiru. Garuu; osoo haqa jirtu beekan itti hin amanne.

    3:    Qur’aanni sadarkaa namuu dalaguu hin dandeenyeen kan dhufee dha. Kan jechoonni isaa wal hin faallessinee dha, kan seeraa fi heerri isaa gonkumaa wal hin dhabnee dha. Gariin isaanii kan biro kan jabeessanii dha.  Osoo dalagaa nama Rabbiin alaa taateetii silaa waldhabbiinii fi walfaallessuun hedduu isa keessattii argamaa ture. Silaa gariin isaanii garii isaanii dogongora jiru wal saaxileessaa ture. Garuu, Qur’aanni wantoota kana irraa walabaa kan isa godhuu dha.

    قال تعالى :{أَفَلاَ يَتَدَبَّرُونَ الْقُرْآنَ وَلَوْ كَانَ مِنْ عِندِ غَيْرِ اللّهِ لَوَجَدُواْ فِيهِ اخْتِلاَفاً كَثِيراً }[ سورة النساء الآية : 82 (6

 Hiikkaan isaa akkana:

Rabbiin oltahe akkana jedha: “Sila waa’ee Qur’aanaa kana hin hubatanii?!!Osoo Qur’aanni kun kan Rabbiin ala nama biroo irraa dhufe taatee, silaa waldhabbiin (walfaallessuun) hedduun keessatti argamaa ture.”

4:    Rabbiin Guddaan Qur’aana kana Ufii Isaatii isa tiksuudhaaf waadaa seenee jira, Waadaan Rabbiin seene Qur’aana kana gokuma akka hin jijjiiramne, wanti tokkos akka keessaa hin banne, wanti tokkos bakka isaa akka hin buune tiksee jira. Ragaan kanaa: Addunyaa kana keessatti Jaarraalee meeqaaf Muslimtoonni addunyaa kana keessatti argaman hundi Qur’aanuma tokko kan afaan tokko ta’een hanga guyyaa har’aa dubbisaa jiru. Addunyaa kana keesa yoodeemte, eessattuu kan argitu Qur’aanuma tokko. Biyya Chaayinaattis, biyya Hindiitis biyyoota Awrooppaatis, biyyoota Afrikaatis, Muslimni biyya Faarisiitis Qur’aanuma gosa tokkoo dubbisu Kunu raga guddaa Qur’aanni kun qabuudha.

5:   Qur’aanni kun sammuu ykn qoma ilma namaatiim kan kuufamu ta’uu isaa haala salphaadhaan osoo natty hin ulfaanne kan baratamuudha, Bira dabree, warroota afaan biroo dubbataniifillee kan hiikkaa afaan Arabiffaa osoo hin beekne kan sammutti qabatan hedduu dha.

Yaa nama haqa barbaadu….!

Qur’aanni kun sadarkaa Ummata Arabaa kan seer-lugaa afaaniitiinii fi ifaan ifatti icciitii afaanii beekan hedduu raajii isaan gidheera. Raajeffannaan isaan Qur’aanaaf qaban kun sadarkaa dhageeffachuu bira kutee hanga gadi fageenyaan qoratan gahee jira. Ufii isaaniitiin gaafii adda addaa walgaafachuudhaan barachaa turaniiru. Kuni hundi kan tahe keessattuu bara Nabi Muhaammadi ergame keessatti ummanni kaafiraa kan Rabbiin dide haala nama dnqisiisuun kan taasisaa turanii dha. Kun kan nuhubachiisu Qur’aanni kun sadarkaa garmalee cimaa adda isa godhu qabaachuu isaati.

Ragaalee armaan olitti dubbatamaniif kan ragaa muraasa ta’u Namoota Gurguddaa Gosa  Qureeshii kan ta’an 3 (sadii) maa akka fakkeenyaatti haakaasnuu:  Isaan kunniin maqaan isaanii: Abuu Sufyaan Ibnu Harbi,  Abuu Jahli Ibnu Hishaamii fi Akhnas Ibnu Shariif nama jedhamanii dha.    

Seenaan isaanii akka armaan gadii fakkaata:

Jarreen kun sadeen Qur’aanni Raajii cimaa itti tahuudhaan namuu garmalee dinqisiifatuudhaan waldhokatanii halkan halkan yeroo Nabiyyiin Rabbii salaata isaanii sagadan dhokatanii dhageeffatu. Namuu ganama ganama yeroo dhokatee gara mana ufiitti deebi’u karaa irratti akka tasaa wal argu. Waan raajiiti! Namuu wal ajiifatutti seena. Wanni waliin jedhan “namoonni wallaalaan keenya waan nuti dalagnu kana yoo nutti beekan Muhaammadiin hordofuu danda’ani” jechuudhaan wal makaraarsu. Kan kana isaan godhe Qur’aanni garmalee isaan hubatuudhaan icciittii isaanii kan isaan osoo beekan dhoksan dhugaan haqa baasti.

Booda garuu: namuu waadaa walii seenuudhaan lammata itti deebinee waan akkanaa hin raawwannu jechuudhaan walii galu, haata’u malee, guyyoottan biroollee akkuma kanatti saaxilfamu.

Dhugaa jirtu yoo dubbanne kan sadarkaa kanaan isaan gahe Qur’aanni dandeettii ilma namaatii oltahuu isaa garmalee dinqii tahuu isaattu kanaan isaan gahe.

Haala kanaan osoo jiran guyyaa tokko jarreen sadeen waliin taa’anii isaan keessaaa Al Akhnas Ibni Shariif kan Jedhamu jarreen lamaan akki jedhee gaafate: “ Mee Muhaammadiin irraa wanti dhageettan maalii? Jedheen gaafannaan. Abuu Jahl akki jedhe, “maal dhageettee! Jedhee raajeffatuun gaafannaan, Aknas Ibni Shariif akkana jedhee dubbate,”  Nuti bar waa’ee isaa keessatti gosa Abdu Manaafiitiin (gosa Qureeshiitiin )  waldhabnee, nuti garuu, yoomuu akka isaanii Ergamaan gosa isaanii waan ta’eef, kanaan nucaalu.” Jedhuun waangaraa isaa jiru ifa ufgodhuun haqa jirtu baasuun ufsaaxila.

Jarreenis wanti jedhanii deebisaniif, “ Gosti Qureesh Nabiyyii Wahyiin Samiidhaa itti bu’u qabdi eenyutu isiin walgita” jechuudhaan haqa jiru baasu.

Ragaaleen Qur’aanni dhugaa Rabbii ta’uu ibsan keessaa tokko , gosti Arabaa walgahanii nama kana akkamiin waamicha inni tokkummaa Rabbii jedhee nuyaamu kana karaan isa ittiin dhaabnu mala nuufbarbaadaa jechuudhaan walmari’atu. Namni tokko kan maqaan isaa Utbaa ibni Rabii’ah Jedhamu kan akkaan mormaa ta’e tokko gosoota kana keessaa ka’uudhaan mala ittiin Muhaammadiin (nagahaa fi Rahmanni isaan irratti haajiraatu) dhaabnu jedhanii bakka bu’aa ummata kanaa ta’ee yaada kana Mahaammadiin(nagahaa fi rahmanni Rabbii isarratti haajiraatu) akki jedhee yaaada kana itti dhiheesse: “ Yaa Muhaammad waan itti nuyaamtu kana nurraa dhaabi, yoo kan mootummaa barbaaddu taate dura taa’aa keenya sigodhannee, dubartii gosa arabaa keessaa haalaan bareeddu siif kennina, ammas yoo qabeenyas barbaadde qabeenyas siif goona ‘ atummaan waan itti nuyaamtu kanarraa dhaabbadhu” jechuudhaan yaada adda addaa itti kaleessinaan, akki jedhee Nabiyyiin Rabbii deebii isaa deebisa, “ Yaa Abbaa Waliidi xumurtee yaada kee? Jedhuudhaan kabajaan gaafate. Utbaanis ee yaada koo geeffadhe jedheen.  Rasuullis Qur’aana itti dubbisuun (qara’uun) deebii deebisaniif. Namtichi Utbaa jedhamu kunis Qur’aanni Ergamaan Rabbii itti dubbise kun hedduu isa hawatee harka isaa dudda duubatti qabachuudhaan yeroo dheeraadhaaf daggeeffataa ture.Rasuullis eerga itti qara’anii booda akki jedhaniin Yaa Abbaa Waliid , waan dhageette dhageette, Kanaan booda murtiin keeti jechuudhaan deebisaniif.

Utbaanis booda kanaa gara warra isa ergateetitti yoo deebi’u wanti jedhani: “ Yaa jarana , Abbaan Waliid fuulli jijjirame maal tahuu isaatii.” waliin jedhani. Innis akki jedhe: “yaa jarana dhugaa wanti dhagahe waan nama dinqisiisu, jiruu kiyya keessatti waan akkanaa tasumaayyuu hin dhageene. Wanti ani dhagahe, walaloollee miti, afaan sihriidhaallee miti, raagaallee miti. Yaa jarana, yaa gosa Qureesh, nama kana dhiisaa tasuma waan inni jedhu isaaf dhiisaa, wanti inni dubbisu seenaa ilma namaa keessatti waan guddaa ta’uuf deema. Kanaafuu, kabajni isaas kabaja keessan yaa Araba. Guddinni isaas guddinna keessani. Gammachuun isaas gammachuu keessani. Jechi inni dubbatu gonkumaa afaan sihriitii mit” Jedhuudhaan deebii isaanii deebisnaan, akki jedhaniin: “ Ee bada Abbaa Waliid! Sillee Sihrii sitti godhatee Muhaammad! Jechuudhaan diddaa isaanii waliigalaan morman.

Walumaa galatti Qur’aanni Kun jecha Rabbii haqaa ta’uu isaa mee ragaalee lamaan armaan gadii kanaan haaxumurruu….

Qur’aanni Kabajamaan dandeettii namuu uumuu hin dandeenye qabaatuu isaa kan ibsan keessaa: Jechootni isaa ifaan ifatti dandeettii ciccimoo namuu uumuu hin dandeenye qabaatuu, hiikkaan isaas, akkasumas Seer-lugni isaa haalaan kan ifaa ta’e tahuu isaa ni mirkaneessa. Fakkeenyaafi Maqaalee Rabbii babbareedoo, uumaa Malaa’ikaa, waa’ee seenaa faffagoo haasawuu isaa ,  waa’ee beellama guyyaa boodaa haasauu isaa! Kuni hundi uumaa (khalaqa) ilmaan namaatii ol tahuu isaa ibsa.

كما قال تعالى : {وَلَقَدْ صَرَّفْنَا لِلنَّاسِ فِي هَـذَا الْقُرْآنِ مِن كُلِّ مَثَلٍ فَأَبَى أَكْثَرُ النَّاسِ إِلاَّ كُفُوراً }[سورةالإسراء الآية: 89 ] (

Hiikkaan isaa Rabbiin Guddaan akki jedhu:” Dhugamaan Nuti Qur’aana kana keessatti fakkeenyota adda addaa ilmaan namaatiif ifa galchine, ammoo; hedduun namaa haqa kana mormee jira” Suuraa Al-Israa’a : 89

 Ragaan guddaan Qur’aanni kun jecha Rabbii ta’uu isaa kan ibsu waa’ee Amantii Islaamaa keessatti heeraa fi Seerri  Isalaamaa kan Sharii’aa jedhu kun madaala haqaa eeggatee waan bu’aa ba’ii jiruu kanaa haala bareedaan kan gonkuma dogongora hin qabne waan ta’eef ilmaan namaa biratti fudhatama jimaa waan argateef, amantiin islaamaa yeeroo dhaa yeerotti saffisaan kan dabalu ta’uu isaa haqa kanatu mirkaneesa.

Sababbiin guddaan Qur’aanni kun buufameef ilmaan namaa garaa sirrii akka isaan qajeelchuuf Ergamaa isaa wajjiin qajeelfama ilmaan namaa akka ta’uuf Rabbiin buuse..

قال الله في القرآن العظيم : {يَا أَيُّهَا النَّاسُ قَدْ جَاءكُمُ الرَّسُولُ بِالْحَقِّ مِن رَّبِّكُمْ فَآمِنُواْ خَيْراً لَّكُمْ وَإِن تَكْفُرُواْ فَإِنَّ لِلَّهِ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَالأَرْضِ وَكَانَ اللّهُ عَلِيماً حَكِيماً } [ سورة النساء الآية: 170 ].
وقال تعالى :
{وَأَنْ أَتْلُوَ الْقُرْآنَ فَمَنِ اهْتَدَى فَإِنَّمَا يَهْتَدِي لِنَفْسِهِ وَمَن ضَلَّ فَقُلْ إِنَّمَا أَنَا مِنَ الْمُنذِرِينَ } سورة النمل92.

Hiikkaan Keeyyattoota armaan olii akka armaan gadii kana fakkaata:

Rabbiin oltahe akkana jedha: “Yaa ilmaan namaa! Dhugamaan Ergmaan haqaa Rabbiin irraa isinitti ergamee jira, kanaafuu, amanutu isii caala”

Suurat An-Nisaa’a :170

Ammas Rabbiin Oltahe akki jedhu: “ Yaa Ergamaa kooi ilmaan namaatiin akki jettuun: “ Rabbiin akka Qur’aana kana isin irratti dubbisu na’ajajee jira, kanaafuu, namni qajeelluma hordofe ufuma isaatiif, namni jallinna hordofes ufuma isaatii jallate, ani warroota nama seeru irraay jedhiin (Ergamtoota Rabbii kan karaa hammeenyaa irraa nama rifachiisan keessaa isa tokko jedhiin)”

Suuraah Namlii : 92