Bu’aa Adabbiin Amantii islaamaa keessatti qabu


   Beeytonni walii galanii jiru adabbiiwwan badii hin hanbiftu yookan hin ir’iftu jechurratti yoo nama badii dalagu guutumaan guututti kan dhoowwine taatee akkuma warri gariin dubbii kana lallabu, haasofni akkanaa kun warra nagahaa miidha. Kanaafuu, amantiin islaamaa keessatti adabbiin argama. Maaliif yoojette, ilmanamaatiif akka nageenni argamu, ammallee hawaasa badiirraa baraaruudhaaf jecha hawaasni isa keessatti badiin heddumaatu ufdurri isaa hin sodaacchisa, waan hundeen isaa lafa hin jirreef jecha hundee/hiddi guddaan hawaasni ittiin madaalamu nageenni argamu .

 

Dabareen amantiin islaamaa qabdu baay’ee sanneen keessaa waaheddu walitti qabatuu isiiti. San irraa adabbiin nama jalqabuu dhabuu isaatifii waan namni ittiin fooyya’u adabbii taasisuu dha. Bu’aa  isaati adabbiin garuu waan ilmi namaa waamara boodan itti aanu malee amantiin islaamaa adabbima qofaan nama sirreesina hin jedhu .


Amantiin islaamaa gama waan baditti nama geessurraa dhoowwutti xiyyeefata. Akka badiin sun matamaanuu hin argamneef jecha.


Amantiin islaama akka hawaasa Rabbiin dhuga uumee Rabbiin sodaatu ammas kan tola Rabbii kajeelu kadalagaa isaa tolfatu guddisuuf yookaan argamsiisuf dhufte. Gaafa san hawaasin marruu ani Rabbii kiyyaan wal gahee dalagaa kiyya kanarraa gaafatamaa beeka.


Kanaafuu, poolisaafii mana murtii sodaatuun qofti gahaa miti jara kanamales wanni hawaasni sodaatu/kahawaasa badirraa dhoorgu argamuu qaba.

Yoo kun hin jiraatin  ragaan dharaa kuni marri isaatuu waan warra badiidalaguuti surraa tokkoo yoo Rabbiin hin sodaatin kuni marruu akka inni adabbii hin sodaannee waan isa godhurraahii ammas akka inni seeera jalaa bahu waan isa godhurraahi.


Osomaa amantiin islaamaa waan amma dubbatame kana akka walitti qabatte agaruu yaanni wanni Rabbi karaa godhe deemun irra caalaa waan nana badiraa dhoowwut ammas gaabbii nama keessatti hanbisuuf gahaadha. Osoo yakka san jalaa abbaa murtii biratti ragaa kijibaatilleen kabahu taatee . Kun isaduraatii .

Inni 2FFAA amantii islaamaa kana keessa waan akka gabrichi Rabbii isaa soodaatu /saalfatu isa gootutu jiraa. Sun maali yoo jettan gabbartii Rabbiiti. kanarraa maaltu argama Rabbiin saalfatuu Rabbiin jaalatuu, jaalalli sun akka gabrichi Rabbii isaa tole jedhu kan isa taasiisu, ammas akka inni abbiin sodaatee waan Rabbiin dallansiisurraa fagaatee, waan Rabbiin jaalachiisu dalagu kan isa taasisu .

Inni 3FFAA amantiin islaamaa akka hawaasa keessatti wanni hawaasa wal jaalachiisu fi hasaa garaa walii laaffisu argamu itti xiyyeeffata, ammas akka obbulummaan islaamaa jidduu warra Rabbiin dhugaoomsetti jajjabaattu taasisa .yoomaal jedhu muslimni tokko yoo muslimatti dhufe/ walqunnamee akka inni assalaamu aleey’kum warahmatullaahi wabarakaatuhuu jedhuun ajaje ammas akka inni harka isaa fudhu isa ajaja ammas akka inni isa wajjiin seeqaatu isa ajaja ammas akka inni isa wajjiin haasawu haasawa gaarii amms akka inni nama isaa gadiitii tola oolu akkasumas nama isaa olii akka kabaju isa ajaja .


4FFAA amanttiin islaamaa kun marrumaan isaatuu ilmanamaa marafuu garaa laafti, mee yoo akkam jettu namoota rakkattootaa fi haajamtootaa warroota dalagatuu hin dandeenneefi abbootii qabeennaa irraa warra akkanaa kanaa qabeenna isaanii kanarraa akka kennan dirqama irra kaahee jiraa .Wanni dureessi hiyyeessaf kennu kunis waan dureeyyee miidhuu miti wanni Rabbiin keenna waan aakkanaatitti ajajuuf bu’aa baay’ee qaba.

1-akka hiyyeessii abbootii qabeenyaa kana hin jibbinee taasisaa

2-akka hiyyeessi abbootii qabeennaa hin waanyinee taasisa .

3-akka horoo isaanii hin saamne taaasisa

4-akka hiyyeesis badii hin dalay nee taasisa .

Kanamales inumaa Ergamaan Rabbii S.A.W. Nama mooga dalagaa isaa hin tolchinee qarqaarun akka nama isaa qabeenna kenneetitti lakkaawaaf jedhan.

Ammas 5ffaan: amantiin islaamaaa maatitti xiyyeeffannaa guddaa kenna ammas waan hawaasa islaamaa walitti dhiyeessuf bakka guddaa kenna maalif yoo jettan akka maatin hawaasa islaama haala kanarratti gudataniif jecha.

6-FFAA: islaamummaan naamusa jiruu isaa mara keessattii namaan faallaa taatee akka hin dalayne isa dhoorgiti, san irraa naamusa.

Yoo manaa bahanii keessatti akkana haajedhuu jedhan ergamaan Rabbi [S.A.W]

من آداب الخروج من المنزل أن يقول : اللهم إني أعوذ بك أن أزِلَّ أو أُزل أو أضِلَّ أو أَظلِمَ أو أُظلَم أو أَجهل أو يُجهلَ عليّ ..


Yaa Rabbii kiyya ani sitti maganfadhe, mucucaaturraa mucuceeffamurraa, jallatuurraa, jallifamurraa miidhurraa miidhamurraa, dalagaa wallaalaa dalagurraa dalagaan wallaalaa narratti dalagamurraa . kun marri wanni karaa godhameef akka namni wal hin ajjeefnee akka wal hin saamnefi.

7-FFAA: islaamummaan waan wal faalleessu lamaan jidduu jiraa tun isii waan akka namni isii fudhatu isii taasiserraa tokko .

Fakkeenyaaf, amantii islaamaa garaa namaa laafuf tola namatti ooluu qofa hin laaltuu, ammas gaaraa namatti jabaatufii badima hanbisuu qofa hin laaltu, maalgooti malee; jidduu waan wal faallessu lamaa madaallii dinqiitin laalti /madaalti.

8 -FFAA- AMANTIIN ISLAAMAA waan wal-nama jibbisiisufi walitti diina nama gudhu laguu taasifti. Fakkeennaf, nama xiqqeessun, hamatuun, nama addaan ciruun, boonuun, kijibuun nama abaarun arrabsuun wanni kana fakkaatu marruu dhoowwadha. Yoo namnini namarraa taa’uu didee adabbii nama badaa sodaachiftee akka inni nama hin ugginee isataasiftu lafa isaa kaahe . Ammas adabbin sun kanama inni miidhe san gammachiifti.

 

Adabbiiwwan san irraa adabbii harka baafatuu/qisaasaa keessa murtii/ baay’eetu jira san irraa:

1-lubbuuwwan namaa akka isiin wasanaa namatti hin baanee xixuufuu

2-nama miidhame yookaa fira nama miidhamee gammchiisuf

3-ilma namaatifii qaama namallee tiysuuf

4-namticha adabame kanaafis qulqullinna akka taatufi

5-jidduu midhatiifii miidhamaatitti dhugumman/haqa akka argamuuf

6-akka ilmi namaa nagahaan jiraatuf.

Gecha gabaabadhaan bu’aa adabbiitii fi kan biraallee yoo nuuf himu akkana jedhaa ( وَلَكُمْ فِي الْقِصَاصِ حَيَاةٌ يَاْ أُولِيْ الأَلْبَابِ لَعَلَّكُمْ تَتَّقُونَ) (البقرة : 179 )؛ hiikkan isaa akkana: “isiniif harka baafannaa kana keessa jirutuu isiniif jira yaa warra qalbii qabdan akka isin badirraa fagaatanifii qisaasa karaa godhee” jedha. Rabbiin olaane [suuratu albaqarah 179] osoo harki baafamuu baatee silaa aalamni bade namni gariin garii balleesse.

Waan amma dubbatame kanaaf ragaa kabahuu jidduu biyyoota kitaaba Rabbiitin bultuutii fi biyyoota biraa yoo wallibaratti laalan kam keessatti rakkoon irra baay’ata jechuun nama maraafuu ifa walumatti qabaa badiin dalagamu keessumattuu ajjeechan aalama (addunyaa) keessatti dabalaatuma deemti. Sababni kanaa maalii yoo jettan, waan murtii Rabbiitittii hin dalayneefi. Wanni Rabbiin keenna harka baafannaa karaa godheef; akka walqixxummaan argamtuufii nama dhiiganamaa dhangalaaseef (jiyseef) dhiiga isaattu jiga, nama lubbuu namaa ajjeese, lubbu isaattu ajjeefamaa ijjis, ijaaf buruuyfamti funyaan funyaanif kutama, gurri gurraaf murama, ilkaan ilkaanif baafama, namni nama madesse hin madeeffamaa kan ilaalchisee:

akkana jedha Rabbiin ol aanee

(وَكَتَبْنَا عَلَيْهِمْ فِيهَا أَنَّ النَّفْسَ بِالنَّفْسِ وَالْعَيْنَ بِالْعَيْنِ وَالأَنفَ بِالأَنفِ وَالأُذُنَ بِالأُذُنِ وَالسِّنَّ بِالسِّنِّ وَالْجُرُوحَ قِصَاصٌ فَمَن تَصَدَّقَ بِهِ فَهُوَ كَفَّارَةٌ لَّهُ وَمَن لَّمْ يَحْكُم بِمَا أنزَلَ اللّهُ فَأُوْلَـئِكَ هُمُ الظَّالِمُونَ) (المائدة : 45 )

Hiikkaan isaa: “homadura dabresanii garuu namni miidhama san Rabbiif jedhee dhiise, sababaa araaramaa isaaf taha jedha namni waan Rabbi buusen hin murteessin, isaawwan suni warra lubbuu ufii miidhe jadha Rabbiin ol aanee [almaa’idaa 45]

Ilmi namaa murtii Rabbi keessatti walqixa haga barbaades yoo gosti isaa waldhabe akkumasan yoo saalli isaanis wal dhabe darajaan isaanis wal dhabu dhaloonni isaanis wal dhabu murtii Rabbii keessatti wanni adda isaan godhu hin jiru bulchaas tahu, bulfamas tahuu mur teessas tahuu ittimurteeffamastahu marruu Rabbiin biratti waluma qixa .

Fakkeenni coomtun guddoon dhugarraa taate tuni olfuudhamiinsa dhugaa kabajaa ilmanamaatif taatee . haala uf amanaa taheen lubbuu ufiitii fi horoo isaa irratti akkasuma naamusa isaa irratti gara barbaade deemee dalagatee bu’aa fida . gaafakana ummanni marruu jiruu keessa jirti jechuu dha .

Amantiin islaamaa dhugaa guddoo tana jaarraa kudha afuriin yakn bara 1436 dura dubbattee turte . Yeroo ittiin bulmaanni ilmi namaa lafa kaayate kun ija isaatuu addaan hin banatin keessatti jechuudha . ammas taatu yoo haasawa taate malee hujirra oolchuu keessatti akkaa amantii islaamatii gadi taatee isin marruu ima beey’tan.

kanuma maraa waliinuu amantiin islaamaa akka ilmi namaa irra walii dabru carraa kenneefii jira .

Fakkeennaaf, warri namni jalaa ajjeefamee, nama ajjeese kanaa yoo irra dabraniifii gumatti gabaabatan, mindaa guddatu isiniif jira jedheenii beellameefii akka isaan gumaa fudhatan karaa isaanii godhe gumaan sunis waanuma beekkamaa wahiiti yoo isaan gumaa hin fudhanna jedhan, yoo isaan gumaa fudhatuu didan, abban murtii namicha nama ajjeese ajjeesuu malee waan biraa godhuu hin dandahuu, yoo warri gumaa jaalatee gosti namicha nama ajjeefte tiifii firri isallee akka gumaa kana gargaaran ajajamanii jiru .

Warri Rabbiin dhugaa, murtii Rabbi /adabbii rabbiin isaan irra kaahe kajaalalaan fudhatan agarta. Kanaafuu, nama badii dalage yeroo isa adabuuf deemaniin araarama Rabbi irraa kan baay’isu agarta .Maalif yoo jettan waan adabbiin Rabbii tuni nama badii dalageef aakhiratti hin haftu jechuu beekufi. Akkuma san ammas namni duniyaarratti seera Rabbiitin adabamee Rabbiin yakka isaa isaaf dhiisa jechu waan beekufi. Garuu, duniyarrattii hin adabaamin sun murtii Rabbii eeggata yoo barbaadee irra dabraaf yoo barbaadee hin adaba Rabbi badi teenna mara isiituu irra nuuhaadabru .ammas gara biraatin namni akka namichi kun adabame dhagahu marri isaatu nama kanaa araarama Rabbirraa isaa barbaada ammas qaama isaa dhiqanii uffata itti uwwisanii irratti salaatanii awwaalaa waarra Rabbitti amanee waliin awwaalan .kun dubbii laafaa miti ammas gama biraatin warri Rabbit amane marruu maatii nama kanaatitti yaaddahanii kunuunsan badooma nama adabamee san haasayu isaan hin rakkisan waan amantiin islaam wal saalfatutti /qaanfatutti nama ajajjuuf jechaa .waan amma dubbatamee dabre kanaafuu namni waan Rabbi buusen hin murteessine martuu zaalima /miidhaa jedhamee waamama. Kunoo akkana jedha Rabbiin olaanee namni waan Ani buusen hin murteesssine isaannan sun warra wacaqerrraayyi [ suuraa maa idaa [45]

(وَمَن لَّمْ يَحْكُم بِمَا أنزَلَ اللّهُ فَأُوْلَـئِكَ هُمُ الظَّالِمُونَ) (المائدة : 45 ) .